• Sun. Jan 11th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Muneessaa fi Aanaa Sirkaa keessatti waraanni murna Bilxiginnaa ummata nagaa hiraarsuu jabeessan

Dec 20, 2024

ONM-ABO Muddee 20, 2024 

Murni abbaa irree uummata nagaa badii tokko malee hidhee, ajjeesee, qe’ee fi qabeenya isaa barbadeessuun Oromoo kabajaa fi aadaa isaa irraa fudhee gochaa gara jabummaan duguuggaa sanyii irratti rawwachaa kan jiru yoo ta’u, aanaa Muneessaa ganda Heeban Dhubboo, Heeban Laaqichaa fi Kallachaa keessatti jumlaan uummata mana hidhaatti guuranii qabeenya isaaniis saamaa jiraachuu jiraattonni naannichaa  dubbatan.

Muddee 17, 2024 aanaa Munessaa ganda Gujichaa irraa namoota hedduu halkan sa’atii 5:40 irratti mana itti cabsuun ukkaamsanii mana hidhaatti galchanii reebaa kan turan ogguu ta’u, isaan keessaa namootni maqaan isaanii nu gahe;

  1. Kaliil Jiloo
  2. Muddiin Jiloo
  3. Kadir Jiloo
  4. Obbo Jiloo Galgaluu fi 
  5. Obbo Gadaa Kojii kanneen jedhaman  ta’uun ibsameera.

Kana malees ganda Heeban Laaqichaa irraas namoota hedduu reebanii qaama isaanii kan miidhan yoo ta’u, isaan keessaa kan maqaan nu qaqqabe;

  1. konkolaachisaa Obbo Huseen Badhaasoo
  2. Huseen Badhaasoo
  3. Woyyeessoo Jaarsoo fi
  4. Tashoo kanneen jedhaman erga reebanis mana yaalaas dhorkuun mana isaanii keessatti miidhama hamaa keessa jiraachuu jiraattonni naannicha irraa dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Haaluma wal fakkaatuun aanaa Sirkaa ganda Galabee Amajaa jedhamu keessatti Muddee 14, 2024 bilxiginnaan waraana uummatatti bobbaasuun qawween sodaachisanii horii isaanii garii isaa qalachuun kaan ammoo qabuun bulchiinsa magaalaatti kan geessan ogguu ta’u, namoota horiin jalaa fudhamtee fi qalamte keessaa muraasni maqaan nu ga’e Adam Kaabir Mohaammad fi Surraa Huseen ta’uun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading