ONM-ABO Muddee 19, 2024
Koloneel Abiy Ahimed ergamtoota isaa gubbaa hanga gadiitti of jala hiriirsuun afaaniin waa’ee nagaa lallabaa ifatti immoo, amala abbaa irrummaa isaa agarsiisaa kan jiru murni gabroomfataan PP ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa keessaa gama isaaf danda’ame maraan hacuucuun rakkoo ulfaataa qaqqabsiisaa jira.
Aanaa Daarimuu hunda keessatti torban darbe irraa eegaluun saamichi uummata irratti karaa loltoota sirnichaan raawwatamu maqaa “galii sassaabuu” jedhu uummata irratti labsuun: uffata milishaa, gaachana sirnaa, ijaarsa waajjira gandaa fi kanneen biroo hedduu sababeeffachuun nama waan nyaatee bulu hin qabne irraa qarshii 2,000 guuruun kanneen jireenya xiqqoo sadarkaa olaanaa irra jiran irraa immoo dandeettii uummataa malee filannoo mataa isaaniin namoota adda duree jedhanii filuun qarshii 3000-5000’tti dirqamaan guuruu fi boqqolloo callaan ardaba 80-150 irraa guuramee kan jiru ta’uu jiraattonni aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana duras, gandoota aanichaa hunda irraa maqaa gosa kaffaltii adda addaa uummatatti dhahuun saamaa kan turanii fi yeroo ammaa kanas haaluma duraa sanaan itti fufuun kanneen qarshii jedhame kaffaluu didan immoo reebichaa fi hidhaan dararaa kan jiran ta’uu itti dabaluun ibsaniiru.


