• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota saamuu cimsanii kan itti fufan ogguu ta’u, Lixa Wallaggaa Aanaa Begiittis hidhaan jabaatee jira

Dec 20, 2024

ONM-ABO Muddee 19, 2024 

Murni garboomfataan PP kufaatii dinagdee hamaa gama hundaan impaayerattii mudatee jiru irraa of bararuuf jecha sababoota adda addaa wabeeffachuun kaffaltii seeraan alaa nagahee hin qabneen saamicha daangaa darbe uummata Oromoo irratti raawwachuu jabeessanii itti fufanii  jiru.

Aanaa Baakkoo Tibbee bakkeewwan adda addaatti ergamtoonni Bilxiginnaa hawaasa nagaa maqaa kaffaltii gosa garaa garaa itti dhahuun saamuu ittuma fufuun, ganda Biqiltuu Lakkuu bakka addaa Facaasee Kooraa jedhamu keessaa Muddee 16, 2024 jiraattota walitti qabuun gandi tokko mootummaaf dirqama qawwee 15 bituu qaba jechuun mana tokkotti qarshii 1500 saamaa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Oduu ona biraatiin ammoo aanaa Begii ganda Abshaala Diinqaa keessaa Muddee 12, 2024 Abrahaam Dirribaa nama jedhamu loltoonni sirnichaa qotiyyoo 1 jalaa fudhatanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees guyyuma kana ganda kana keessaa Abdii Dabalaa fi Tafarii Mikaa’el jiraattota jedhaman ammoo hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Akka maddeen himanitti, Abdiin daa’ima maalummaa siyaasaa  hin hubannee fi daa’ima umurii 12 ta’uu himuun, Tafariin ammoo ogeessa walaloo ta’uu dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading