• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti milishoonni sirnichaa qotiyyoo jiraattotaa saamanii qalatanii nyaachuun himame

Dec 20, 2024

ONM-ABO Muddee 20, 2024 

Milishoonni sirnichaa uummata Oromoo akka dararaniif murna bilxiginnaan baay’inaan qe’ee hawaasa nagaatti bobbaafaman gochaa badii isaanii raawwatan jabeessuun qabeenyaa jiraattotaa saamuu cimsanii itti fufaniiru. 

Muddee 16, 2024 Kaaba 

Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti milishoonni sirnichaa hawaasa nagaa dararuuf magaalaa Qiciicoo irraa gara ganda Awwaaraatti bobba’an maanguddoo maqaan isaanii Obbo Abdallaa Asaabaa jedhaman jalaa qatiyyoo cimdii tokko ooffatanii magaalaa Qiciicootti galfachuun qalatanii nyaachuun ibsameera.

Akka jiraattotni jedhanitti Obbo Abdallaan jaarsa biyyaa fi deggaraa paartii dhaaba kamiiyyuu akka hin taane ibsuun, milishoonni sirnichaa maqaalee namni hin qabne namoota nagaatti maxxansuun dararan kun gocha isaanii malee maqaa hidhata waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun Obbo Abdallaa qabanii deemuuf wayita mana isaanii dhaqanitti isaan waan manaa dhabaniif maatii isaanii doorsisuun qotiyyoo isaanii cimdii tokko ooffatanii deemuu itti dabaluun addeessaniiru.

Dabalataan akkuma aanaa Harxummaa Furseetti milishootaa fi waraana faashistii PP’n jiraattotni nagaan ajjeefamuu, hidhamuu, saamamuu fi doorsifamuu dabalatee dhiittaan mirgoota namoomaa daangaa darbe geggeeffamaa jiraachuu maddeen onichaa irraa ONM qulqulleeffachuu danda’eera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading