• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Jimmaa Arjoo fi Guutoo Giddaatti hidhaa fi saamichi loltoota PP’n hawaasa nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufe

Dec 22, 2024

ONM-ABO Muddee 22, 2024 

Aanaa Jimmaa Arjoo ganda Meettaa jedhamu keessaa Muddee 18, 2024 nama maqaan isaa Lataa Baqqalaa jedhamu loltoonni sirnichaa badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, Lataan siyaasa kam irraa bilisa ta’uu himuun, waraanni Bilxiginnaa ammoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun hidhuu dubbatu.

Godinuma kana aanaa Guutoo Giddaa ganda Arjoo iddoo addaa Daaloo jedhamu keessaa maqaa “ilma keetu bosona jira” jedhuun nama maqaan isaa Obbo Shorroo Amantee jedhamu jalaa loon 8 saamanii deemuu maddeen himan.

Ganduma kana irraa guyyaadhuma kana namoota maqaan isaanii:

  1. Luba Misgaanaa Eebbisaa,
  2. Tasfaayee Hirphaa,
  3. Tamee Abaataa,
  4. Shorroo Amantee, 
  5. Lissaanuu Abaataa,
  6. Addunyaa Ittafaa,
  7. Ayinaalem Ittafaa, 
  8. Girmaa Awwaaqaa fi kanneen biroo hedduu ammoo bakka isaan misooma hojjechaa jiranii ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading