• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Limmuutti jiraattota sababa tokko malee hidhaatti guuruun cimee itti fufe

Dec 22, 2024

ONM-ABO Muddee 22 ,2024 

Uummata Oromoo qe’eef qabeenya isaa irratti hadheeffachuun badii tokko malee sobaan yakkuun ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi qabeenyaa isaa abiddaan barbadeessuu hojii idilee isaa kan godhate waraanni maafiyaan impaayerattii goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo, Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun dararaa hamaa irraan gahuu cimsee itti fufee jira. 

Haaluma kanaan, godina  Baha Wallaggaa aanaa Limmuutti jiraattota sababa tokko malee hidhaatti guuruun cimee itti fufuun, ganda Mukarbaa Diimaa jedhamu irraa Muddee 16, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Obbo Tarrafaa Baabuu,
  2. Obbo Asaffaa Abbabaa,
  3. Aadde Ayyaluu fi kanneen biroo hedduu badii tokko malee maqaa “ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira; dafaa waamaa galchaa” jedhuun yakkanii hidhaatti darbachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.

Aanichatti maqaa adda addaa itti maxxansuun yakkoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne uummata irratti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, jiraattonni yaaddoo hamaa keessa jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading