• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Jaarsootti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa leenjii waraanaa jedhuun barattoota ukkaamsuun maallaqa hedduu irraa saamaa jiraachuun himame

Dec 24, 2024

ONM-ABO Muddee 24, 2024 

Balleessee baduu kan filate murni Abiy Ahimediin hoogganamu Bilxiginnaan, goleewwan Oromiyaa cufa keessaa ergamtoonni isaa sababa garaa garaa wabeeffachuun hawaasa nagaa dararaa jiru.

Aanaa Jaarsoo araddaa Odaa Mudaa jedhamu keessaa torban darbe keessa ergamtoonni sirnichaa barattoota hedduu maqaa leenjii Raayyaa Ittisa Biyyaa deemtu jedhuun ukkaamsuun, boodarra ammoo maallaqa hedduu maatii isaanii irraa fudhachuun gadi lakkisaa kan jiran ta’uu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Barattoota ukkaamfamuun saamichi irratti raawwate keessaa muraasa kan maqaan isaanii nu ga’e:

  1.  Taajuu Mahaammad Hasanoo barataa kutaa 7’ffaa qarshii 20,000,
  2.  Mahaammad Rashiid Aliyyii barataa kutaa 7’ffaa qarshii 20,000 akkasumas,
  3. Adinaan Mahaammad Xaahir barataa kutaa 5’ffaa innis qarshii 20,000 kaffaluun gadi lakkifamee jiraachuu maddeen itti dabaluun eeran.

Akka maddeen himanitti, barattoonni kunneen Masjiida keessaa kan ukkaamfaman ta’uu himuun, araddicha keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa caasaa gandaa ijaaruu jedhuun bobbaafaman jiraattota garmalee dararaa kan jiran ta’uu itti dabalaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading