ONM-ABO Muddee 23, 2024
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Sulula Fincaa’aa ganda Hawwii Guddinaa keessatti nama Obbo Dassaalee Kumaa jedhamu jalaa Muddee 20, 2024 boqqolloo ardaba 300 ol maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jechuun gochaa isaanii malee itti maxxaansuun saamanii jiraachuu fi akkuma aanichaatti yakkoonni gara jabinaa tilmaama hin qabne ilmaan Oromoo irratti gama saamichaan raawwatamu cimee itti fufee jiraachuun ibsame.
Haaluma wal fakkaatuun Godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Guduruu ganda Biqiltuu Fayyinee keessatti hidhattoonni PP namoota jiruuf jireenya isaanii geggeffachaa jiran,qabata siyaasaa kam irraayyuu walaba kan ta’an, Muddee 15, 2024 maqaa deggartoota Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun manneen hidhaatti guuruun dararaa jiru. Namootni badii isaanii malee hidhaman kunneen maqaan isaanii:
1. Taarikee Hambisaa,
2. Masqalee Itichaa,
3. Daarragaa Jabeessaa fi
4. Addunyaa Baqqalaa kanneen jedhaman yoo ta’an, namoonni kunneen tika impaayeerichaatiin qabamanii mana dukkanaatti hiraarfamaa jiraachuun barameera.

