• Sun. Jan 11th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti diina adabe

Dec 24, 2024

ONM-ABO Muddee 23, 2024

Abdii fi gaaddisni uummata Oromoo Waraanni Bilisummaa Oromoo Oromiyaa zooniilee garaagaraatti diina du’aa fi madoon adabuun injifannoo boonsaa galmeessaa jira.

Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti Muddee 23, 2024 iddoo addaa Tarree Awwaaraa jedhamutti Cibraan Hasan Ammee ganama sa’a 5:00tti lola waraana weerartuu PP waliin taasiseen battalatti humna diinaa 3 ajjeesuun 2 madooo dandammii hin qabneen geggeesseera.

Tarkaanfii laalessaa Cibraan Hasan Ammee ergamtoota maafiyaa PP irratti fudhate kanaanis humni faashistii Bilxiginnaa reeffaa fi madoo ishee harcaasuun magaalaa Qiciicootti deebi’uun ifoomeera.

Lolli WBO’n taasisu hanga hiree murteeffannaa uummata Oromootti jabaatee itti fufa❗️

Oromiyaan dhiiga ilmaan isheen ni Bilisoomti ❗️

#DuulaCichoominaKaayyoo

Itti Cabsii!

Injifannoon Uummata Oromoof ‼️

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading