ONM-ABO Muddee 24, 2024
Wiixata kaleessaa kibba baha Iraan keessatti otoobisii konkolaataa boba’aa fe’u waliin walitti bu’uun yoo xiqqaate namoonni sagal du’uu isaanii miidiyaaleen mootummaa gabaasan. Kunis balaa daandii irratti guyyoota muraasa keessatti lubbuun namoota hedduu darbarse isa lammaffaadha.
Bulchiinsa Sistan-Baluchestan keessatti itti gaafatamaan Waldaa Ji’a Diimaa Mohammad Mehdi Sajjadi dhaabbata oduu mootummaa IRNA tti akka himanitti, “balaa naannoo Zahedanitti otoobisii konkolaataa boba’aa fe’u waliin walitti bu’uun lubbuun namoota sagal darbuu fi namoonni 13 madaa’aniiru.”
Dilbata darbe bulchiinsa Iraan dhiha Loorestaan keessatti otoobisii boolla tokkotti kufeen namoonni 10 du’aniiru.
Iraan galmee nageenya daandii gaarii hin taane kan qabdu yoo ta’u, Bitootessa 2023 hanga Bitootessa 2024 gidduutti balaa kanaan namootni 20,000 ol du’uun isaanii lakkoofsi Dhaabbata Qoricha Fooransikii qaama haqaa miidiyaaleen biyya keessaa caqasan ni mul’isa.
Ji’a Hagayyaa keessa, hajootni Musliimaa Paakistaan 28 gara Iraaq deemaa turan, otoobisii isaanii giddugala Iraan keessatti kufee lubbuun isaanii darbeera jechuun miidiyaalee mootummaa wabeeffachuun AFPn gabaaseera.


