ONM-ABO Muddee 24, 2024
Ilmaan Oromoo irratti sababa Oromumummaa isaanii qofaaf duulli duguuggaa sanyii loltoota Bilxiginnaan raawwatu jabaatee itti fufee jira.
Muddee 22, 2024 waraanni sirna dhableessi impaayera Itiyoophiyaa aanaa Qondaalaa ganda Kollii Carphaa jedhamu keessaa dargaggeessa umurii 25 kan ta’e nama maqaan isaa Atuuchee Dhaabaa jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru.
Akka jiraattonni himanitti, dargaggoon kun siyaasa kam keessa kan hin jirree fi hawaasa naannoo biratti jaallatamummaa guddaa kan qabu ta’uu himuun, sababa Oromummaa isaa qofaaf ergamtoota sirnichaan akka bineensaatti ajjeefamuu dubbatu.
Aanichuma ganda 02 keessaa ammoo guyyaadhuma kana Tizaazuu Malaakuu nama jedhamu jalaa loon 5 yoo saaman, Haajii Baacaa Sadii jalaa ammoo mana jireenyaa isaa irraa qorqorroo baallee 70 diiggachuun korma cimdii tokkos saamuun, isas badii tokko malee fuudhanii deemuun mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattotni itti dabaluun ONM’f eeraniiru.

