• Tue. Jan 13th, 2026

Gareen Siiriyaa diigamuun ministeera ittisaa jalatti walitti makamuuf waliigalan

Dec 25, 2024

ONM ABO Muddee 25, 2024 

Gareen hidhattoota Siiriyaa Kibxata kaleessaa of diiguun Ministeera Ittisaa jalatti walitti makamuuf waliigaluu isaanii miidiyaaleen mootummaa beeksisaniiru.

Dhaabbanni oduu mootummaa SANA akka jedhetti tarkaanfiin kun kan fudhatame walga’ii Damaasqootti itti gaafatamaa bulchiinsa haaraa Siiriyaa Ahmed al-Sharaa fi bakka bu’oota garee warraaqsaa biyyattii gidduutti taasifameen ta’uu ibseera.

Suuraaleen SANA maxxansee akka mul’isutti hoggantoonni garee Siiriyaa baay’inaan walga’ii al-Sharaa waliin taasifamu irratti hirmaatan.

Wiixata kaleessaa hogganaan Siiriyaa kun Ministira Dhimma Alaa Turki Hakaan Fidaan cinatti Damaasqootti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin gareewwan kunneen diigamuu isaanii labsuun waraana keessa akka seenan ibsaniiru.

”Yeroo warraaqsa sanaa gareewwan hedduun turan, garuu sun kutaa biyyattii keessatti itti fufuu hin danda’u. Guyyoota itti aanan keessatti Ministeerri Ittisaa kan ifoomu yoo ta’u, koreen qondaaltota waraanaa olaanoo of keessaa qabu ijaaramee waraana Siiriyaa gara fuula duraa uumuuf ni hojjetama. Sana booda gareewwan ni diigamu jedhan”

Gara waggoota 25f hogganaan Siiriyaa kan turan Bashar al-Asad, gareewwan farra sirnichaa Mudde 8 Damaasqoo erga to’atanii booda gara Raashiyaa baqachuun sirna Paartii Baath bara 1963 irraa eegalee aangoo irra ture xumure.

Fudhatamni kun kan dhufe erga loltoonni Hayat Tahrir al-Sham (HTS) haleellaa balaqqeessaa torban lama hin guunneen magaalota ijoo qabatanii booda jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading