• Wed. Mar 18th, 2026

Godina Baha Wallaggaa keessatti Dabbaloonni fi waraanni faashistii PP uummata Oromoon gargaarsi NGO dhufeef maallaqa Bilxiginnaaf kaffaltan malee fudhachuu hin dandeessan jechuun  dhagaa’ame

Dec 25, 2024

ONM ABO Muddee 25, 2024 

Bara dhufaa darbaa murni garboomfataan uummata Oromoo saamuu, dararuu, hidhuu fi ajjeesuu  amaleeffate sabicha jireenya gadadoof saaxileera.

Murni goolessaan Abiy Ahimediin hoogganamu akkuma abbootii isaa garee TPLF irraa bare uummata Oromoo irratti of ijaaaruun yeroo ammaa maqaa garaa garaa itti moggasuun saamuu fi hiraaarsuu daran cimsee itti fufuu jiraattonni dubbatu.

Haaluma kanaan godina Baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu keessatti uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqa’ee jiru gargarsaa NGO fi qaamoleen hawaasaa garaa garaa tumsa namoota buqqa’aniif taasisan Muddee 15, 2024 irraa eegaltanii qarshii 5000-6000’tti kaffaltan malee deggarsi kamuu isiniif taasifamu hin jiru jechuun uummata wanta nyaatee bulu hin qabne saamaa jiraachuun ibsameera. 

Akkasumas biqiltuu adda addaatti fi horiiwwan manaa hanga lukkuutti qarshii kaffaltan malee deggarsa dhufe kana qorqorroo mana jireenyaaf dhufe dabalatee, fudhachuu akka hin dandeenye waraanni fi Dabbaloonni garee PP akeekkachiisuun ifoomeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading