• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti hidhaa jumlaan loltoota Abiy Ahimediin jiraattota irratti raawwatamu cimee itti fufe

Dec 25, 2024

ONM-ABO Muddee 25, 2024 

Gara jabeeyyiin loltoota faashistii Abiy Ahimed lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo injifachuu hoggaa dadhaban hawaasa nagaatti deebi’uun dararaa suukkaneessaa ta’e raawwachaa kan jiran ammallee haala duraan barameen olitti ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa cufa irraa dararuu cimsanii itti fufanii jiru.

Aanaa Cawwaaqaa araddaa Caffee Magartuu jedhamu irraa loltoonni naamusa waraanummaa hin kabajne Muddee 21, 2024 badii tokko malee namoota maqaan isaanii:

  1. Alishuu Mahaammad,
  2. Ahimad Muhaammadee,
  3. Siraajoo Muusee,
  4. Abraahim Mahaammadee,
  5. Muummee Huseen,
  6. Ibraahim Dahaa,
  7. Nuuree Mahaammad,
  8. Abdishuu Qaashiraa fi kanneen biroo lakkoofsaan hedduu ta’an ukkaamsanii hidhaatti darbachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen himanitti, jiraattonni lakkoofsaan hedduu ta’an kunneen badii tokko malee hidhaatti darbatamanii dararaa hamaa argaa kan jiraniif maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo galchuu diddan” jedhuun yakkamanii kan hidhaman ta’uu dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading