ONM-ABO Muddee 25, 2024
Uummata Oromoo dararuu hojii idilee kan taasifate waraanni koloneel Abiy Ahimed, yeroo ammaa kana ammoo akkuma guutuu Oromiyaatti kan dur barameen olitti jiraattota irratti saamicha daangaa darbe raawwachuu jabeessanii itti fufanii kan jiran ta’uun ni beekama.
Aanaa Suluula Finca’aa ganda Hawwii Guddinaa jedhamu keessaa Muddee 22, 2024 ergamtoonni sirnichaa badii tokko malee namoota maqaan isaanii:
- Akkawaaq Kabbadaa jalaa midhaan ardaba 10,
- Asmaraa Addunyaa jalaa ardaba 15,
- Abdii Zalaalem jalaa ardaba 25,
- Hundee Barsiisaa jalaas ardaba 30
- Maammush Biraanuu jalaa ammoo boqqolloo osoo hin calleeffamin Ooyiruu irra jiru guutummaa saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasa qaama kamiiyyuu kan hin qabne ta’uu himuun, isaan keessaa Hundee Barsiisaa nama jedhamu ammoo baatii tokko dura maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun hidhanii dararaa kan jiranii fi yeroo ammaas bakka inni hin jirretti qabeenya isaa saamuun jiruu gadadoof saaxiluu dubbatu.


