• Thu. Mar 12th, 2026

Loltoonni Bilxiginnaa Godina Horroo Guduruu Wallagaa Aanaa Abaaboo Guduruu keessaa saamicha yoo raawwatan, Lixa Wallaggaa Aanaa Baabboo Gambeelitti ammoo jiraattota irratti hidhaa fi reebicha hammeessan

Dec 25, 2024

ONM-ABO Muddee 25, 2024 

Saamicha, hidhaa fi ajjeechaa uummata Oromoo irratti geggeessuu hojii guyyuu isaanii kan taasifatan loltoonni Bilxiginnaa, godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abaaboo Guduruu keessaa jiraattota irratti sarbamiinsa mirga namoomaa rawwachaa jiru.

Ganda Looyyaa Maloolee jedhamu keessaa Muddee 17, 2024 waraanni sirna nama nyaataan PP nama maqaan isaa Obbo Taayyee Guutamaa jedhamu jalaa loon 8 maqaa “Qeerroo Bilisummaa Oromooti” jedhuun jalaa saamaanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen jedhanitti Obbo Taayyeen jiruu fi jireenya dhuunfaa isaa irratti bobba’ee kan jiraatu malee hidhata dhaaba siyaasaa tokkollee kan hin qabnee fi hawaasa naannoo isaa keessatti kabajaa fi jaallatamummaa guddaa nama qabu ta’uu dubbatu. 

Kana malees, loltoonni bilxiginnaa dararaa hamaa hawaasa irraan gahaa jiran hammeessuun godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel ganda Daamotaa Mana Jaartee jedhamu keessaa Muddee 22, 2024 nama maqaan isaa Obbo Beekumaa Tafarraa jedhamu hidhaatti darbachuun, nama Obbo Tashoomaa Daalee jedhamu maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun yakkanii kan hidhanii fi kan reeban ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading