• Sun. Jan 11th, 2026

Lukkeeleen Bilxiginnaa Godina Walloo Aanaa Baatee keessatti namoota dirqiin dirree waraanaatti guuruun  cinatti, saamichas hammeessan

Dec 25, 2024

ONM-ABO Muddee 25, 2024 

Kaffaltii gosa adda addaa itti dha’uun afaan qawween sodaachisanii uummata Oromoo saamuu malee guyyaa tokkoofillee gargaaranii kan hin beekne hidhattootni murna abbaa irree Koloneel Abiy Ahimediin durfaman kan yeroo kamuu caalaatti maqaa nyaataa fi uffata milishaa jedhuun jiraattota saamuu jabeessanii itti fufaniiru. 

Akkaatuma kanaanis, caasaaleen bilxiginnaa Muddee 20, 2024 irraa eegaluun aanaa Baatee gandoota garaa garaa keessatti maqaa nyaata milishaa jedhuun nama tokko irraa midhaan kiiloo 10 yoo saaman, uffata milishaaf jechuunis  qarshii 50-100 afaan qawween doorsisanii jiraattota saamaa jiraachuu maddeen ONM’tti himaniiru. 

Akka jiraattotni aanaa Baatee gandoota adda addaa irraa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise jedhanitti, caasaaleen bilxiginnaa kun midhaan nyaata milishaa jedhan kana bulchitoota gandaatti qajeelfama laachuun ganda tokko irraa midhaan ardaba 55-60 akka fidan yoo taasisan, uffata milishaaf jechuunis qarshii hedduu namoota harkaa fuuchaa akka jiran ibsaniiru. 

Gandootni maqaa nyaataa fi uffata milishaan bulchitoota sirnichaan garmalee reebamuun saamamaa jiran kunneenis muraasni maqaan nu ga’e ganda Gurree, Sallaaxxee, Jaldeettii, Hagamsaa, Roorrisoo fi Masgiidaa ta’uu jiraattotni aanaa Baatee ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading