Cuunfaa Lola Lixa Shaggar Aanaa Noonnoo
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Duula Cichoomina Kaayyoon godina Lixa Shaggar aanaa Noonnoo keessatti tarkaanfii waraanaa faashistii PP irratti fudhateen meeshaalee waraanaa gurguddaa irraa hiikuun loltootas booji’e
ONM-ABO Muddee 26,2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa Duula Cichoomina Kaayyoon waraana maafi’aa Abiy Ahimed irratti Oromiyaa zooniilee waraanaa garaagaraa keessatti fudhachaa jiruun injifannoo cululuqaa walitti aansaan guyyaa sadaffaa galmeessee jira.
Duula Cichoomina Kaayyoo Kibxata dheengaddaa Muddee 24,2024 eegaleen isnaayippera, Bireena, qawwee AKM, boombii, rasaasaa fi hidhannoo hiikuun loltoota Abiy Ahimed kurnanooraan booji’uun kan eegale gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo har’a Muddee 26 irree jabina isaa leellistoota impaayera Minilik ganamaa ka’ee godina Lixa Shaggar aanaa Noonnoo mooraa ganda Galmoo Waraabuu irratti fudhateen 67 ajjeesee 75 madeessuun 15 harkaan qabee jira.
Diina irraa hiikee hidhachuun qabsoo of irratti hirkannnoo geggeesuun imala isaa shaffisiisaa kan jiru WBOn lola humni waloo Birgeedii Bakakkaa fi Ibiddaa tiksitoota barcuma Abiy Ahimed irratti fudhatan kan Bireena 2, Isnaayippera 2, kilaashii Turkii fi Raashiyaa 52, boombii 30, jorooroo bireenaa 4, rasaasa AKM 4000, rasaasa PKM 2500, jorooroo Dishqaa rasaasa isaa waliin irraa hiikee jira.
Tarkaanfii akka bakakkaa mooraa waraana koomaandoo faashistii PP irratti raawwateen loltoota Abiy Ahimed 15nis booji’ee jira.
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii Kibba Bahaa godina Arsii Lixaa aanaa Heeban Arsii mooraa ganda Shophaa Bultum irratti fudhateen loltoota PP 19 ajjeesuun 11 madeessee hidhamtoota siyaasaa 11 mooricha keessaa baasee jira.
Murni faashistii PP WBO diiguuf tattaaffii guddaa godhus baattuun imaanaa Goototaa bakka cufatti loltoota Bilxiginnaa akka baala mukaatti harcaasaa jira.
Injifannoon uummata Oromoof❗










