• Sat. Mar 14th, 2026

Caasaaleen murna Bilxiginnaa Godina Walloo magaalota garaa garaatti boba’aan akka hin gurguramne dhorkuun saamichi jabaate

Dec 27, 2024

ONM-ABO Muddee 26, 2024 

Tibba kana Muddee 1, 2024 irraa eegalee akkuma godina Walloo magaalota adda addaatti boba’aan dhabamuun gatiin isaa akkaan kan qaala’e yoo ta’u, sababa kanaanis konkolaattoonni deddeebisaa uummataa turan hedduun isaanii boba’aa fixuun geejjiba dhaabuuf yeroo dirqamanitti konkolaachiftoonni namoota dukkaana qaban bira deemuun leetira tokko qarshii 2500-3000’tiin bitachuun hawaasa ittiin deddeebisaa jiru.

Caasaaleen bilxiginnaa ammoo namoota boba’aa kanneen bitanii fi gurguran adamsanii magaalota akka aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Harawaa, aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Caffaa Roobit, aanaa Jiillee Dhummuuggaa magaalaa Sanbatee fi magaalaa Kamisee keessatti qabanii maqaa seeraan ala (heyyama) keenya malee gurgurte jedhuun qabeenyuma namootaa saamanii kuusaa isaaniitti galfachuun hidhaa fi reebaa jiraachuun ibsameera. 

Kun osoo kanaan jiruu lukkeelee bilxiginnaa kan ta’e Obbo Mohaammad Jamaal aanaa Daawaa Caffaatti Muddee 22, 2024 irraa eegaluun namoota harkaa maqaa seeraan alaan boba’aa saamanii kuusaatti galchan sana konkolaataa Baajoo jedhamuun baasuun qarshii 40,000’n guyyaatti gurguraa jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading