• Wed. Jan 7th, 2026

Godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee fi Aanaa Guutoo Giddaa keessaa ergamtoonni bilxiginnaa jiraattota ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuu fi hidhuu cimsanii itti fufan

Dec 27, 2024

ONM-ABO Muddee 27, 2024 

Lukkeeleen Bilxiginnaa sababoota adda addaa wabbeefachuun sabboontota ilmaan Oromoo badii tokko malee maqaa sobaa isaan hin qabne itti maxxaansuun akka bineensa bosonaatti adamsuun bakka arganitti jumlaan ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuu, saamuu, ajjeesuu fi mana hidhaatti galchanii dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiru. 

Godina Baha Wallaggaa magaalaa Naqamtee keessaa ilmaan Oromoo jumlaan ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa irratti heddummeessaa kan jiran loltoonni faayidaa dhuunfaa isaanii qofa guuttachuuf maggalan magaalaa Naqamtee ganda 02 keessaa maatii Obbo Saamu’eel Lataa Muddee 24, 2024 halkan keessaa naannoo sa’a 5:00’tti haadha warraa isaa dabalatee ijoollee 5 ukkaamsuun achi buutee faana isaanii dhabamsiisuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka namoonni itti dhiheenyaan beekan himanitti, haati manaa Obbo Saamu’eel Lataa Aadde Magartuu Kitilaa haadha ijoollee ja’aa kan taatee fi ijoollee ishee kanneen maqaan isaanii:

  1. Abaaboo Saamu’eel, 
  2. Angoos Saamu’eel, 
  3. Gamtaa Saamu’eel, 
  4. Sanyii Saamu’eelii fi
  5. Kaayyoo Saamu’eel jedhaman 

amma gabaasni kun qindaa’etti achi buuteen faana isaanii dhabamsiifamuu fi bakka kana jiru jedhanii himuun kan hin baramne ta’uu dubbatu. 

Aanaa Guutoo Giddaa keessaa immoo dhiittaan mirga namoomaa qaamolee mootummaa garboomfataa impaayerattiin hawaasa nagaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufuun, ganda Gaarii jedhamu irraa  Muddee 21, 2024 namoota maqaan isaanii:

  1. Maatiwoos Jaallataa, 
  2. Waaqjiraa Tamasgeen, 
  3. Misgaanuu Qannoo fi 

namoota maqaan isaanii adda hin baane hedduu ukkaamsuun magaalaa Naqamtee ganda 05 keessatti argamutti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu namoonni itti dhiheenyaan beekan ONM’tti himanii jiru. 

Aanaadhuma kana ganda Qajeelaa jedhamu irraas badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf namoota maqaan isaanii:

  1. Yooseef Yaadataa, 
  2. Mokonnon Gannatii, 
  3. Dirribaa Iddoosaa fi 

kanneen biroo hedduu qabanii mana hidhaatti darbachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading