• Mon. Jan 12th, 2026

Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Kossaatti waraanni Abiy Ahimed dargaggoo tokko ajjeesanii gatuun dhagaa’ame

Dec 27, 2024

ONM-ABO Muddee 27, 2024 

Ilmaan Oromoo impaayera Itiyoophiyaa keessatti baroota dhufaa darbaa saboota kan biroo irraa addatti biyya isaa irratti guyyuu akka bosonuutti adamfamuun dhiigni isaa dhangala’uu akkuma itti fufetti jira.

Akka kanaanis godina Jimmaa aanaa Limmuu Kossaa ganda Mixoo jedhamu keessaa Muddee 23, 2024 loltoonni faashistii PP dargaggoo Ajaayib Jabaluu jedhamu badii tokko malee ukkaamsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii bakkeetti gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Dargaggoon kun siyaasa kam irraa walaba ta’uu kan himan maddeen, loltoonni sirnichaa sababa tokko malee maqaa “fira keetu bosona jira” jedhuun ukkaamsuun gandichuma iddoo addaa Naannoo Mixoo jedhamutti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatan. Maatiin isaa mana hidhaa hundarra deemanii barbaadanii dhabuun guyyaa 2 booda Muddee 25, 2024 du’aa isaa bakkeedhaa arganii fudhachuu itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading