ONM-ABO Muddee 27, 2024
Murni bulchiinsaa fi qabannaa hawaasaa hin beekne Bilxiginnaan kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti maqaa maatii qabsaa’otaa fi deggartoota waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun namoota nagaa jiruu fi jireenya isaanii geggeeffatan ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi qe’ee irraa buqqisuun gidiraa hamtuu dhamdhamsiisaa jira.
Muddee 24, 2024 aanaa Dawwee Harawaa ganda Sanqallee Gadii jedhamu keessaa hidhattootni sirnichaa maanguddoota lama kan maqaan isaanii Obbo Huseen Adamee fi Obbo Ahimed Xoohaa jedhaman maqaa deggartoota WBO’ti jedhuun sobaan yakkanii reebicha ulfaataa qaama laalessu irratti raawwachuun magaalaa Booraatti hidhuu jiraattotni gandichaa dubbisne ONM’tti himaniiru.
Hidhattootni murna bilxiginnaa raayyaa ittisa Impaayerattii fi milishoota jechuun of waaman maqaa sakattaa WBO jedhuun qe’ee hawaasaa ganda Sanqallee fi Haroorantii jedhamu keessa buufachuun maatii qabsaa’otaa aanicha keessatti argaman gandoota 9 irraa buqqisanii jiruu bakkeef akka saaxilaman taasisaniiru.
Maqaa maatii qabsaa’otaan jiraattota qe’ee irraa buqqifaman kanneen keessatti kan argaman:
- deessuun erga deessee torbee tokko hin caalle,
- haadhi ulfaa,
- daa’immanii fi
- maanguddoota ta’uu himuun,
Gandootni maatiin qabsaa’otaa loltoota sirnichaan irraa buqqifaman kunneenis muraasni:
- Kataaro,
- Dabagalo,
- Uranee,
- Sadacha,
- Sanqallee
- Olii,
- Sanqallee Gadii,
- Haroorantii Ciisa Girjoo fi
kknf irraa buqqifamuu jiraattotni onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

