ONM-ABO Muddee 26, 2024
Yuunivarsiitii adda addaatti sababa waliin isaa hin beekamneen barattoonni rakkoo hamaa keessa kan jiran yoo ta’u, barattoonni garri caalaan rakkoo nyaataan walqabatuun dhukkuboota adda addaaf saaxilamanii dararamaa jiru.
Baha Oromiyaatti kan argamu Yuunivarsiitii Odaa Bultumitti barattoonni “bishaan dhabuun rakkachaa jirra” jedhan.
Barataan maqaan isaa akka dhahamu hin feene tokko “rakkoo bishaanii qabna, bishaan dhugaatii fi dhiqannaan erga badee har’a guyyaa 4’ffaa isaati jedhe. Hanga ammaa rakkoo hamaa keessa jirra. Furmaata tokkollee hin arganne” jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeree jira.
Rakkoon kun uumamuun kan yeroo jalqabaa kan hin taane ta’uu fi yeroo adda addaatti irra deddeebiin kan mudataa tureedha. Rakkoo kanaan walqabatee barattoonni baay’inaan dhukkuboota karaa nyaataa fi dhugaatii dhufaniin dhukkubsataa akka jiran itti dabaluun barataan kun ibsee jira.



