• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaatti waraanni maafiyaan PP lammiilee nagaa irratti ajjeechaa raawwachuu cimsanii itti fufan

Dec 28, 2024

ONM-ABO Muddee 28, 2024 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Kollii Charphaa jedhamu keessatti Muddee 26, 2024 ergamtoonni naasuu ilmaan namaaf hin qabne loltoonni faashistii Abiy Ahimed nama maqaan isaa Jaafar Biraanuu jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namni kun nama nagaa siyaasa kam keessa hin jirree fi hawaasa naannoo biratti jaallatamummaa fi kabaja guddaa qabu ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun ajjeesuu dubbatu.

Kana malees aanaa Begii ganda Horoo Dongoroo jedhamu keessaa Muddee 20, 2024 loltoonni safuu fi safeeffannaa hawaasichaa hin beekne hojjetaa Wangeelaa Waldaa Guutuu Wangeelaa kan ta’e nama maqaan isaa Paaster Tafarii Dhaabaa Beeroo jedhamu badii tokko malee haala rifaasisaa ta’een rasaasa itti roobsuun ajjeesanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading