• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti milishoonni sirnichaa buufata fayyaa saamuun ogeessota fayyaa irratti reebicha raawwatan 

Dec 28, 2024

ONM-ABO Muddee 28, 2024  

Uummata Oromoo ajjeechaa, hidhaa fi dararriin karaa Bilxiginnaan irratti raawwatamu kamuu of booda deebisuu akka hin dandeenye gaafa baran hidhattootni sirna nama nyaataan PP hawaasni dhukkuboota adda addaaf akka saaxilamaniif manneen yaalaa tajaajila hawaasaa ta’an mara keessaa qorichoota saamuu, ogeessota fayyaa reebanii ari’uun manneen yaalaa buufata waraana isaanii taasifachaa jiru.

Muddee 25, 2024 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti galgala toora sa’a 1:00’tti milishoonni sirnichaa buufata fayyaa aanichaa ganda Qoriitti argamu kan Odaa jedhamu keessaa qorichoota saamuun ogeessota fayyaa ammoo garmalee reebanii keessaa ari’uun ofii isaaniif ammoo keessa buufatanii hanga gabaasni kun qindaa’etti  namoota naannoo buufata fayyaa kanaa reebaa akka turan barameera. 

Akka jiraattotni ona Harxummaa Fursee ganda Qorii irraa dubbisne jedhanitti, maanguddoonni gandichaa milishoota murna Bilxiginnaa kanneen bira deemuun ogeessota fayyaa reebdanii ariitu, qorichoota ni saamtu, manneen yaalaa buufata waraanaa  taasifattu nuti hoo eessatti yaalamna? jennee yeroo gaafannutti, yoo barbaaddan magaalaa Caffaa Roobit bu’aa achitti yaalamaa dhimmi keessan nu hin galchu, hanga nuti as jirrutti yoo rakkoon tokko nu irra ga’e namoonni manneen yaalaa kana biratti argamtan itti gaafatamaan matuma keessan ta’uu baraa ittiin jechuun akeekkachiisanii jiraachuu maddeen keenya dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading