• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Jimmaa bulchiinsa magaalaa Jimmaatti loltoonni Abiy Ahimed dargaggoota jumlaan ukkaamsuun hidhaatti guuruu cimsanii itti fufan

Dec 29, 2024

ONM-ABO Muddee 28, 2024 

Ergamtoonni Bilxiginnaa kutaalee impaayerattii cufa keessaa dargaggoota Oromoo akka bineensaatti adamsuun yoo fedhan ajjeesaa, hidhaa akkasumas gara leenjii waraanaatti jumlaan guuraa  jiru.

Magaalaa Jimmaa keessaa torban darbe keessa dargaggoonni hedduun jumlaan ukkaamfamuun hidhaatti guuramaa kan turan yoo ta’u, isaan keessaa kan maqaan nu ga’e muraasni:

  1.  Amaddiin Abbaa Tamaam,
  2.  Bulii Abbaa Naggaa,
  3.  Amiir Yesuuf,
  4.  Seefuu Raayyaa,
  5.  Maammadoo Gurmeessaa,
  6.  Saalim Muddiin fi 

kanneen biroo hedduu ta’an torban tokkoo oliif gaaffii seeraa tokko malee waajjira poolisii aanaa tokkoffaa magaalaa Jimmaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Dargaggoonni kunneen deggertoota paartii siyaasa kamiiyyuu kan hin taanee fi sababa Oromumummaa isaanii qofaaf yakkamuun hiraarfamaa kan jiran ta’uu itti dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading