• Fri. Jan 2nd, 2026

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ergama haaraa Somaaliyaa keessatti raawwatamuuf aangoo kenne

Dec 29, 2024

ONM-ABO Muddee 28, 2024 

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Jimaata kaleessaa wixinee murtii Ergama Deggarsa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa Somaaliyaa (AUSSOM) hundeessuuf bahe raggaasiseera.

Manni Maree miseensota 15 qabu kun wixinee murtii UKn durfamu sagalee 14n kan raggaasise yoo ta’u, Ameerikaan ammoo sagalee hin kennine.

AUSSOM Ergama Ce’umsaa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaa (ATMIS) kan aangoon isaa Mudde 31 xumuramu bakka bu’a.

Wixineen barreeffamichaa miseensonni Gamtaa Afrikaa (AU) hanga Waxabajjii 30,2025tti poolisoota 1,040 dabalatee hojjettoota uffata waraanaa uffatan hanga 12,626 gara AUSSOMtti akka bobbaasanii fi guyyaa kanatti loltoota AU hunda ATMIS irraa gara AUSSOMtti irra deebi’anii qindeessuun akka xumuran hayyama kenna.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti itti aanaan bakka bu’aa dhaabbataa UK Ambaasaaddar Jeems Karuuki murtoon kun deggarsa Manni Marichaa Somaaliyaaf qabu ”ciminaan” cimsa jedhan.

”AUSSOM lola Al-Shabaab irratti Somaaliyaa akka deggaru, tattaaffii tasgabbii Somaaliyaa akka cimsu, gargaarsa namoomaa akka kennu dandeessisa,” jedhan Karuukiin jechuun Al Jazeeraan gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading