• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaalee hedduu keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa bifa adda ta’een uummata saamuu itti fufan

Dec 30, 2024

ONM-ABO Muddee 29, 2024 

Impaayerri kadhaa fi liqiin jiraattu Itiyoophiyaan dinagdee ishee qilee bu’een liqii biyyoota Addunyaa illee waan deebistu dhabuun, deebitee dandamachuuf jecha ergamtoonni ishee Koloneel Abiy Ahimed irraa ajaja fudhachuun goleewwan Oromiyaa cufa keessatti uummata Oromoo irratti saamicha hangana hin jedhamne raawwachaa jiru.

Aanaa Waayyuu Tuqaa magaalaa Jimaata jedhamu keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa ijaarsa waajjira gandaa jedhuun qarshii miiliyoona lamaa fi kuma dhibba saddeetiif kuma ja’aatama dirqama buusuu qabdu jechuun, daldaaltota sadarkaa lamatti qooduun, sadarkaa A irraa qarshii 8000 fi sadarkaa B irraa ammoo 5000 guuraa kan jiranii fi hawaasa kanneen biroo irraas haaluma wal fakkaatuun maallaqa humnaa olii saamaa kan jiran ta’uu jiraattonni ONM’tti himanii jiru.

Ergamtoonni kunneen saamicha isaanii ittuma hammeessuun, godinuma kana aanaa Saasiggaa ganda Haroo Foolaa jedhamu keessaa ammoo maqaa kaffaltii gibiraa jedhuun sadarkaa gadaanaan qarshii 3,000 akkasumas olaanaan 14,000 afaan qawwee itti qabuun saamaa jiraachuu jiraattonni himan.

Kana malees gandicha keessatti maqaa kaffaltii Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa jedhuunis mana tokkotti qarshii 1,260 fudhachaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun ONM’f eeran.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading