ONM-ABO Muddee 30, 2024
Maqaa ijoollee keessantu miseensa WBO’ti jedhuun maatii qabsaa’otaa hidhanii hiraarsuun impaayerattii keessatti amaleeffatamee itti fufuun godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaatti maatii guutuu hidhanii dararaa jiru jechuun jiraattonni naannichaa ONM’tti himaniiru.
Maqaan namoota hidhamanii hiraarfamaa jiranii:
- Aadde Bultuu Oljirraa,
- Obbo Kennasaa Baqqalaa,
- Obbo Naggasaa Baqqalaa,
- Aadde Gaaddisee Baqqalaa,
- Obbo Jiraataa Nagaraa,
- Obbo Darajjee Suutumaa,
- Obbo Gammachuu Suutumaa,
- Barataa Wangeeluu Darajjee fi
namoonni hedduun hidhamanii aanichaatti dararamaa jiraachuun ibsameera.
Aanaadhuma kana keessatti baatii Waxabajjii keessa namoota maqan isaan Obbo Biraanuu Dhugumaa fi Abbaa Akiimoo namoota jedhaman waraanni sirnichaa ergii qabanii hanga har’aatti eessa akka jiran hin beekamin jiraachuun addeeffameera.
Oduu biraatiin ammoo godinuma kana aanaa Cawwaaqaa buufata 7’ffaa fi ganda Burqaa Barakaa jedhamutti waraanni faashistii PP WBO soortu maqaa jedhuun hawaasa buqqisaa jiraachuus jiraattonni gandichaa ONM’tti himaniiru.




