• Thu. Mar 12th, 2026

Godinaalee Oromiyaa adda addaa keessaa bifa haarawaan dargaggoota ukkaamsanii gara leenjii waraanaatti guuruun cimee itti fufe

Dec 30, 2024

ONM-ABO Muddee 30, 2024 

Ergamtoonni bilxiginnaa safuu, eenyummaa fi duudhaa Oromummaa tokko illee kan hin qabnee fi hin kabajne, dhiiraa fi dubartii osoo hin jenne Oromummaa isaaniin hadheeffatanii jibbuun hawaasa hojii isaa hojjetatee jiraatu yakkanii ukkaamsuun hidhaatti darbachuu fi leenjii waraanaatti guuruun kaan bakka buutee dhabamsiisaa jiru. 

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu gandoota hundarraa loltoonni Bilxiginnaa haala duraan barameen olitti dargaggoota ukkaamsuun leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsameera.

Ganda Gumgummii jedhamu irraa loltoonni faashistii Abiy Ahimed dargaggoota jumlaan ukkaamsuun fedhii isaanii malee humnaan gara leenjii waraanaatti guuraa kan jiran yoo ta’u, dargaggoota maqaan isaanii Dingataa Jifaar, Hambisaa Gana’aa fi  kanneen biroo hedduu Mudde 27, 2024 ukkaamsanii gara leenjii waraanaatti geessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Kutaalee Oromiyaa cufa keessaa lukkeeleen Bilxiginnaa dargaggoota, qonnaan bultootaa fi nama argan hunda dirqamaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti bifa haarawaan guuraa kan jiran yoo ta’u, godina Baha Wallaggaa aanaa Boonayyaa Boshee gandoota aanichaa hunda irraa dargaggoota hedduu Muddee 24, 2024 ukkaamsuun gara mooraa leenjii waraanaatti geessuu jiraattonni aanichaa dubbisne ONM’tti himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading