ONM-ABO Muddee 30, 2024
Kasaaraa diinagdee isa mudate irraa dandamachuu kan dadhabe bulchiinsi impaayerattii tiksitoota aangoo isaaf waan kaffalu sababa dhabeef qonnaan bultoota qaali’insa jireenyaan wal’aansoo qabaa maatii isaanii jiraachifatanitti goolessitoota Waraana isaa bobbaasuun saamichaan jiruuf jireenya Oromoota maraa barbadeessaa jira.
Kibba Lixa Shaggar aanaa Gooroo magaalaa Gooroo fi Guruuraa keessatti gatii gibraa jechuun jiraattota magaalichaa cufa irraa qarshii 4,500 funaanaa kan jiran oggaa ta’u, gandoota aanichi qabu cufa keessattis mana tokko irraa Xaafii ardaba 1 fi boqqolloo ardaba tokko maqaa deggersa milishootaa fi Kaabinootaa jedhuun afaan qawween doorsisanii oggaa saaman, nama maqaan isaa Adam Shallamaa jedhamu ammoo Riftivaalii Wallisoo irraa qabanii hidhaatti darbachuu maddeen itti dabaluun ONM’tti himan.
Dafqaaf dhiiga ilmaan Oromoo soorachuun kan jiraatan eedgonni sirna moofaa bilxiginnaa bakkeewwan Oromiyaa adda addaa keessatti faca’uun maqaa gibraa fi deeggarsa hojjettoota mootummaa jedhuun midhaanii fi maallaqa humnaa olii saamaa jiraachuu maddeen ifoomsaniiru.


