• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Lixa Harargee Aanaa Habrootti ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa irratti saamicha raawwatan

Dec 31, 2024

ONM-ABO Muddee 31, 2024 

Ergamtoonni sirnichaa addatti uummata Oromoo dararuuf godinaalee Oromiyaa adda addaa irratti ajaja Koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman dararaa hamaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiraachuun kan beekamu yommuu ta’u, godina Lixa Harargee aanaa Habrootti ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa irratti saamicha raawwachuu cimsanii itti fufuun himameera.

Magaalaa Balballee jedhamu keessaa lukkeeleen bilxiginnaa maqaa kaffaltii gosa adda addaa uummatatti dhahuun humnaan dirqamsiisanii uummata irraa qarshii guuraa kan turan yoo ta’u, yeroo ammaa kana immoo maqaa “gargaarsa Raayyaa Ittisa Impaayerattii fi inshuraansii fayyaa” jedhuun uummata ofii isaatiifuu waan nyaatee bulu dhabee rakkachaa jiru irraa qarshii hedduu guuraa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Kana malees, namoota dukkaana, mana nyaataa qaban fi konkolaachistoota doqdoqqee oofan irraa nama tokko irraa hanga qarshii 5000’tti afaan qawwee itti qabuun dirqamaan uummata irraa guuruun, uummanni rakkoo hammaataa keessa jiraachuu fi miidhaan karaa qaamolee Bilxiginnaa hawaasa irra gahu cimee itti fufuu maddeen itti dabaluun ONM’f himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading