• Sun. Apr 26th, 2026

Taalibaan dhaabbilee miti mootummaa dubartoota Afgaanistaan qacaran hunda ni cufa jedhan

Dec 31, 2024

ONM-ABO Muddee 31, 2024 

Taalibaan gareewwan miti mootummaa biyyaalessaa fi alaa Afgaanistaan keessatti dubartoota qacaran hunda ni cufna jedhu.

Kunis kan ta’e erga dhaabbilee miti mootummaa dubartoota Afgaanistaan uffata mataa Islaamaa sirritti hin uffanneef jedhame qacarrii isaanii akka addaan kutan erga itti himanii waggaa lama booda. Xalayaa Wiixata galgala X irratti maxxanfameen, Ministeerri Diinagdee ajaja isa haaraa kana kabajuu dhabuun dhaabbileen miti mootummaa Afgaanistaan keessatti hojjechuuf hayyama akka dhaban akeekkachiiseera. 

Ministeerichi hojiiwwan dhaabbilee biyyaalessaa fi alaatiin raawwataman hunda galmeessuu, qindoomina, hoggansaa fi to’annoo akka qabu ibseera. Mootummaan ammas dhaabbilee Taalibaan hin to’atamne keessatti hojiin dubartootaa hundi akka dhaabbatu ajajaa akka ture xalayaan kun ni mul’isa jechuun The Associated Press gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading