• Sat. Oct 17th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuuruutti hidhattoonni Amaaraa hawaasa Oromoo irratti ajjeechaa fi miidhaa qaamaa geggeessuu cimsanii itti fufan

Jan 1, 2025

ONM-ABO Muddee 31, 2024 

Finxaaleeyyiin Amaaraa gargaarsa murnoota Bilxiginnaan Oromiyaa keessatti hanga funyaaniitti hidhachuun hidhattoota Amaaraa waliin ta’anii uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisuun saamanii mana irratti gubuu, ajjeesuu, ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuun abbaa biyyummaa isaa irraa mulqanii gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa jiru.

Aanaa Amuuruu ganda Ulaa Seexanaa bakka addaa Bachee jedhamu irraa Muddee 28, 2024 gara jabeeyyiin finxaaleeyyii Amaaraa maqaa ‘Faannoo’ jedhu moggaafachuun socho’an dubartii maqaan ishee Aadde Gaaddisee Caalii jedhamtu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii yoo gatan, ganda Luukmaa Waallii irraa immoo barattuu kutaa 6’ffaa kan taate Luuluu Mokonnon Galataa kan  jedhamtu rasaasaan waaduun madeessanii yeroo ammaa kana du’aa fi jireenya gidduu kan jirtu ta’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattonni gandichaa himanitti, Aadde Gaaddiseen osoo mana baaburaatii galtuu kan ajjeefamtee fi barattuun Luuluu jedhamtus osoo barumsaa galtuu rasaasaan kan madoofte ta’uu himuun, finxaaleeyyiin Amaaraa irra deddeebiin ilmaan Oromoo butuun achi buutee dhabamsiisuu, qarshii hedduu gaafataa jiraachuu fi haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii gatuu cimsanii itti fufanii waan jiraniif jiraattonni gandichaa yaaddoo hamaa keessa kan jiran ta’uu dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading