• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Sirkaatti loltoonni Bilxiginnaa manneen hawaasaa irratti gubaatii fi saamicha raawwachuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsame

Jan 1, 2025

ONM-ABO Muddee 31, 2024 

Uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irratti hadheeffachuun badii tokko malee sobaan yakkuun ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi qabeenya isaa abiddaan barbadeessuu hojii idilee isaa kan godhate waraanni maafiyaan impaayerattii goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo, Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun dararaa hamaa irraan gahuu cimsee itti fufee jira. 

Aanaa Sirkaa ganda Waajjii Raffasaa jedhamu irraa Muddee 28, 2024 ergamtoonni bilxiginnaa badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf maanguddoo ganna 100 kan ta’an Obbo Qaaduu Haajii Waaqee fi Obbo Kadir Abdallaa jedhaman jalaa mana gubuun meeshaalee manaa hunda waliin barbadeessanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Hawaasa nagaa irratti dhukaasa banuun jiraattonni gandichaa guutummaatti baqatanii waan jiraniif ergamtoonni bilxiginnaa horii hawaasaa hedduminaan qalatanii isaan kaan saamanii deemuu fi jiraattonni kunneen halaalatti ilaalaa waan turaniif ragaa guutuu baay’ina horii akka gandichaatti qalamtee adda baasuu akka hin dandeenye dabaluun ibsanii jiru.

Leave a Reply