• Sat. Oct 17th, 2026

Magaalaa Dirre Dhawaa irraa lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa adda addaan barattoota irratti saamicha raawwatan

Jan 1, 2025

ONM-ABO Muddee 31, 2024 

Murni garboomfataan impaayerattii hawaasa nagaa roga isaaf mijate hundaan  afaan qawwee itti qabee abbaa irrummaa isaa ifatti labsuun yeroo adda addaatti miidhaa ulfaataa geessisaa jira. 

Magaalaa Dirre Dhawaa irraa lukkeeleen Bilxiginnaa manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa hanga olaanaatti jiran hundarraa maqaa adda addaan barattoota irraa qarshii saamaa jiraniin, maqaa “buusaa gonofaa” jedhuun qarshii 200-200 saamamuu isaanii barattuun maqaan ishee akka hin dhahamne barbaaddu tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himtee jirti.

“Maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti dhahuun maatii keenya irraa yoo xiqqaate qarshii 5,000 ol saamu, kun xiqqaannaan amma immoo torban tokko dura nurraas qarshii 200-200 guurratan. Hawaasni keenya ofiifuu waan nyaatee bulu dhabee rakkataa jira. Murni garboomfataan impaayerattii bulchaa jiru kufuu jala waan ga’eef, hawaasa hiraarsaa jira. Falli dhumaa Waraana keenya Waraana Bilisummaa Oromoo waliin taanee falmachuun xumura itti gochuudha” jechuun miira aariin guuteen dubbatti.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading