ONM-ABO Muddee 31, 2024
Imala Duula Cichoomina Kaayyoo milkeessuuf haleellaa jabaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo goleewwan Oromiyaa cufaa fi Karra Shanan Finfinnee marsee tiksitoota impaayerattii irratti fudhachaa jiruun murni Bilxiginnaa raafama hamaa keessa seenuun, tibba kanas goleewwan Oromiyaa hunda keessaa bifa adda ta’een lammiilee nagaa jumlaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufanii jiru.
Aanaa Daarimuu ganda Meexxii jedhamu keessatti Muddee 27, 2024 waraanni goolessaan impaayerattii leenjii waraanaaf jiraattota ukkaamsuuf hoggaa bobbaa’anitti namoonni hedduun qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqa’uun bosonatti baqachuun hanga yeroo gabaasni kun qindaa’eetti haalli isaan keessa jiran kan hin beekamne ta’uu jiraataan gandichaa tokko ONM’f eeree jira. Namoonni kunneenis:
- Mahaammad Abdallaa,
- Nuuraa Bushuraa,
- Imaamuu Taammiruu,
- Muuzammil Mahaammad,
- Misgaanuu Naggasaa,
- Iddoosaa Kabulaa,
- Rabbumaa Bakaree,
- Taarikuu Jimaa kanneen jedhamanii fi
kanneen biroo hafanis hedduu ta’uun ibsameera.
Kana malees godinuma kana magaalaa Mattuu keessatti ammoo hidhaa fi dararaa hammeessuun, addatti ilmaan Oromoo dhalattoota bakka biroo ta’an: barattoota, konkolaachiistootaa fi kanneen biroo hojiilee garaa garaa hojjechuuf magaalicha keessa jiraatan irratti xiyyeeffachuun maqaa isaan hin qabne itti maxxansuun dararaa kan jiran yoo ta’u, torbanuma darbe keessa dargaggoota Oromoo 5 kanneen dhalootaan godina Qellem Wallaggaa ta’an “seelii diinaati” jedhanii ukkaamsuun hidhanii hiraarsaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaaluun ONM’tti himanii jiru.

