ONM-ABO Muddee 31, 2024
Murnoonni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo humnaan qawwee hiikkachiisaa ilmaan alagaatti immoo mudhii jabeessuun kutaalee Oromiyaa cufa keessatti duguuggaa sanyii labsuun uummata akka baalaatti harcaasaa kan jiran yommuu ta’u, murnoonni Bilxiginnaa namoota sabaan Amaara ta’anitti qawwee hidhuun jiraattota godina Baha Wallaggaa aanaalee adda addaatti bobbaasuun, hidhattoonni Amaaraa kunnee dararaa hamaa hawaasa nagaa irraan ga’aa jiraachuun eerameera.
Aanolee akka: Limmuu, Giddaa Ayyaanaa, Haroo Limmuu, Eebantuu fi Kiiramuu keessatti qaamoleen faashistii PP hidhattoota Amaaraa faana waliif galuun uummata nagaa irratti duguuggaa sanyii labsuun hidhattoota Amaaraa milishaa fakkeessuun gara aanolee kanneeniitti bobbaasuun hawaasa garmalee dararaa jiraachuun beekameera.
Addatti immoo aanaa Giddaa Ayyaanaa magaalaa Ayyaanaa keessatti hidhattoota Amaaraa garmalee qubachiisuun murnoonni Bilxiginnaa uummata onichaa irratti hiraarsaa ulfaataa qaqqabsiisaa jiraachuun dabalataan ibsameera.
