• Sat. Oct 17th, 2026

Faashistoonni murni bilxiginnaa Qellem Wallaggaa Aanaa Anfilloo keessatti Manneen jiraattotaa jumlaan yoo guban, nama tokko immoo ajjeesuun dhagaa’ame

Jan 1, 2025

ONM-ABO Muddee 31, 2024 

Akka guutuu Oromiyaatti dhiittaa mirga namoomaa Oromoota irratti dalagaa kan oolan goolessitoonni waraana Bilxiginnaa, irra deddeebiin yakkoota hamminaan guutaman kan gaarummaan tokkollee keessatti hin argamne saba nagaa irratti geggeessaa oolu.

Muddee 27, 2024 Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Heenachee keessatti balleessaa tokko malee namoota maqaan isaanii: 

  1. Obbo Bayyanaa Irranaa, 
  2. Obbo Eliyaas Gammachuu, 
  3. Obbo Wandimmuu Bayyanaa, 
  4. Obbo Barakat Boggaalaa, 
  5. Obbo Yohaannis Galataa fi 
  6. Aadde Innuyyee jedhaman 

jalaa manneen isaanii qabeenya guutuu waliin gubuun akka barbadeessan maddeen ONM’tti himan.

Muddee 29, 2024 ammoo aanichuma ganda Yellii jedhamu keessatti nama maqaan isaa Milkiyaas Magarsaa jedhamu mana isaa keessaa gadi baasuun rasaasaan rukutuun yoo ajjeesan maatii isaa cufa ammoo qabuun hidhanii jiraachuu maddeen ifoomsan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading