• Sat. Oct 17th, 2026

Haleellaa Israa’el itti fuftee jirtuun Gaazaa keessatti daa’imman 6 qorraan du’an

Jan 1, 2025

ONM-ABO Muddee 31, 2024 

“Guyyoota darban keessa sababa qorraatiin daa’imman jahaa fi narsiin tokko lubbuu isaanii dhabaniiru,” jechuun waajjira miidiyaa mootummaa Gaazaa kan hoogganan Ismaa’eel Tawabteey Wiixata kaleessaa dubbataniiru.

Haleellaa Israa’el boqonnaa hin qabne gidduutti haala gaddisiisaa amma naannoo sanatti mul’atuun lakkoofsi namoota du’anii dabaluu akka danda’u akeekkachiiseera.

“Lubbuun lammiilee Falasxiinotaa qe’ee isaanii irraa buqqa’anii rooba cimaa fi qorraa gidduutti balaa guddaa keessa jira, sababiin isaas dunkaanni isaanii waan dulloomeef waan isaan hin eegneef,” jedhan Tawabteey.

Gaazaan Wiixata irraa eegalee qorraa fi rooba cimaatiin kan rukutame yoo ta’u, ummata naannoo sanaa miliyoona 2.3 ta’u irratti gadadoo dabalataa fideera.

Ho’i qaamaa gadi bu’aa dhufeen haalli jireenyaa hammaataa dhufe gidduutti namoonni nagaa buqqa’an hedduun dunkaana yeroof ta’u keessa jiraachaa jiru. 

Maatiin wantoota bu’uuraa kanneen akka uffata, siree fi kan irra rafan waan hin qabneef daa’imman hedduun qorra kanaaf saaxilamoo ta’u.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii akka jedhutti, namoota Gaazaa keessa jiran 10 keessaa sagal sababa weerara Israa’el itti fufee jiruun qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.

Tawabteey haala namoomaa naannoo Falasxiin keessatti hammaataa dhufeef US, Israa’elii fi deeggartoota isaanii itti gaafatamummaa jala galcheera.

Hawaasni addunyaa fi gareewwan gargaarsaa hatattamaan gidduu seenuun Israa’el “waraana duguuggaa sanyii Gaazaa irratti geggeessitu akka dhaabdee lubbuu namoota nagaa baraaruuf” dhiibbaa akka godhan gaafateera jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading