• Sat. Oct 17th, 2026

Waraanni faashistii Bilxiginnaa aanaa Hurrumuu keessatti dargaggoo tokko shiboo ibsaan gubanii ajjeesan

Oct 16, 2026

‎ONM-ABO | Onkoloolessa 16, 2026 

‎Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuu keessatti loltoonni faashistii Bilxiginnaa dargaggoo tokko irratti ajjeechaa suukannessaa uummata magaalaa aanichaa fi naannawaa ishee rifaasise raawwachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

‎‎Ajjeechaa rifaasisaan kun raawwatame torban darbe gaafa Onkoloolessa 8, 2026 yoo ta’u, aanichatti dhalataa ganda Cabaree kan ta’e dargaggoo maqaan isaa Latii Biraanuu jedhamu irratti ta’uu jiraattonni gandichaa ibsaniiru. 

‎‎Dargaggoon kun nama jireenya dhuunfaa isaa jiraatu ta’uu kan himan jiraattonni, sababa ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun qe’ee maatii isaa keessaa loltoota kanneeniin to’atamuu dubbatu.

‎‎Erga waraana kanneeniin to’atamees waajjira poolisii bulchiinsa magaalaa Hurrumuu keessatti hidhamuun yakka haalota isaa hin ibsine amansiisuuf jecha dararaa ulfaataan irra gahaa kan ture yoo ta’u, reebicha dabalatee miidhaa shiboo ibsaan elektirikaan guggubamuu irra gaheen lubbuun isaa akka darbe jiraattonni magaalichaa fi naannawaa ishee ibsaniiru. 

‎Akka jiraattonni gandichaa himanitti, dargaggoon kun hariiroo qaama siyaasaa kamuu keessatti qooda kan hin fudhanne ta’uu himuun, wayita ajjeestota kanneeniin to’atamettis mana maatii isaatii qabamuu dabaluu ifoomsaniiru. 

‎‎Haalli ajjechaa isaa jiraattota magaalichaa fi uummata naannichaa kan rifachiise  ta’uu kan himan jiraattonni, baatii darbe keessas kanneen hojii dhuunfaa isaaniif jecha gara aanichaatti deemanii turanii fi  sababa sodaa nageenyaaf uummatni itti siqeenyaan eenyummeessa  isaanii kan hin arganne dargaggoota lama haaluma kana fakkaatuun akka ajjeesan odeessi jiraattota aanichaa irraa ONM dhaqqabe addeesseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading