• Sun. Oct 18th, 2026

Aanaa Martii keessatti loltoonni Bilxiginnaa namoota humnaan ukkaamsuun gara mooraa waraanaatti ergaa jiraachuun dhaga’ame

Oct 16, 2026

‎ONM-ABO | Onkoloolessa 16, 2026 

‎Murni sabaa fi sablammoota impaayerattii jala jiran nagaa dhorkuun goolaa jiru Bilxiginnaan, godina Arsii Bahaa aanaa Martii magaalaa Abboomsaa keessatti jiraattota gandoota baadiyyaa fi magaalicha keessa jiraatan  jumlaan ukkaamsuun gara mooraa waraanaatti ergaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru. 

‎‎Akka jiraattotni jedhanitti, loltootni kunneen yeroo namootni waa bitachuuf gandoota baadiyyaa irraa gara magaalaa dhufanii fi namoota dhukkubsatan waldhaannachuuf mana yaalaatti geessan, namoota waa bitachuu dhufanis hanqisuun, kan dhukkubaaf wal’aanamuu dhufes wal’aansa dhorkuun biyyi nagaa dhabdee jirti nagaa eegsiftu jechuun konkolaataa irratti darbatanii fedhii isaanii malee gara mooraa waraanaatti ergaa jiraachuu jiraattonni magaalicha irraa dubbisne ifoomsanii jiru.

‎‎Humna waraanaa ga’aan qaba jechuun dhaadachaa kan ture Bilxiginnaan yeroo ammaa kana sodaa fi raafama hamaa keessa seenuun dhukkubsataa fi fayyaa osoo addaan hin baasin, akkasumas saalaa fi umuriin osoo hin qoodin lammiilee impaayerattii cufa dirree waraanaatti guuraa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading