ONM-ABO | Onkoloolessa 16, 2026
Godina Jimmaa aanaa Goommaa keessatti kaabinoonni Bilxiginnaa fi abbootii qabeenyaa waliin ta’uun bosonaa mancasaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kaabinoonni sirnichaa fi abbootiin qabeenyaa waliin ta’anii gandoota kanneen akka: Geexxa Booree, Qadaa Massaa, Qottaa Cuwaa, Daalatti Dakkoo, Baaqoo, Barsoomaa, Limmuu Mu’ee Martii keessaa bosonaa jiran maqaa “xaawulaa isaa baafnee ijaarsa tokko tokkoof oolchiine ittiin naannoo keenya misoomsinaa” jechuun mancasaa jiraachuu jiraattonni gandoota kanneenii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsaniiru.
Kaadiroonni kunneen maqaa “ijaarsaa manaaf oolchiina” jedhuun mancaasaa jiraachuu kan himan jiraattonni bakkichaa, namoota mancaatii bosonaa kana dura dhaabbatan ammoo “diina paartii keenyaati” jechuun kaan qawween doorsisanii gariin ammoo ukkaamsanii hidhaa jiraachuu dubbatu.
Murni Bilxiginnaa yeroo tokko biqiltuu dhaabaan xiqqaa fi guddaa gidirsaa, yeroo kaan ammoo harkuma biqiltuu dhaabsiseen da’oo bineensotaa bosona mancaasuun, dhabamuu qabeenyaa uumamaan rakkoolee dhufan kanneen akka faalama qilleensaan alatti jiraattotas naannoo bosonaarraa afaan qawween doorsisuun dhiibbaa akkaan hammaataa qaqqabsiisaa jiraachuun haqa hin haalamnedha.




