• Thu. Nov 26th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatiitti loltoonni Bilxiginnaa qonnaan bultoota hedduu humnaan qabanii milishaa gochuu itti fufanii jiru

Jan 1, 2025

ONM-ABO Amajjii 1, 2024 

Murni garboomfataan impaayerattii hawaasa nagaa roga isaaf mijate hundaan humnaan afaan qawwee itti qabee abbaa irrummaa isaa ifatti labsuun yeroo adda addaatti xiqqaa fi guddaa osoo hin jenne humnaan ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuraa jira.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii ganda Guddattuu Jimmaa irraa ergamtoonni Bilxiginnaa fedhii isaanii malee humnaan qonnaan bultoota maqaan isaanii:

  1. Geetaachoo Dheeressaa,
  2. Abiyoot Mangashaa,
  3. Kuusaa Margaa,
  4. Namee Gurmeessaa fi 

qonnaan bultoota maqaan isaanii adda hin baane hedduu ukkaamsuun gara leenjii milishummaatti dirqamaan geessaa jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan hordofan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Qonnaan bultoonni ukkaamfamuun dirqamaan milishaa leenjifamaa jiran kunneen kanneen umuriin isaanii yoo xiqqaate 50 ol ta’anii fi kanneen dhukkuba adda addaa qaban illee osoo hin hafin qabamanii humnaan leenji’aa kan jiran yoo ta’u, kanneen umuriin isaanii waggaa 20 gadi ta’e immoo, gara leenjii Raayyaa Ittisa Impaayerattiitti guuramaa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.

Leave a Reply