ONM-ABO Amajjii 1, 2024
Maqaa mootummaatiin teessoo impaayerattii qabatee kan jiru Bilxiginnaan isiniifan dhaabbadhe jechaa duubaan ammoo afaan qawwee irra dhaabee goolessitoota Waraana isaa bobbaasuun uummata Oromoo rakkoo hamaaf saaxilaa kan jiru, ammas bakkeewwan Oromiyaa addaa addaa keessatti eegdota sirnichaan hawaasni dararaa hamtuu argaa jira.
Godina Kaaba Shaggar aanaa Warra Jaarsoo ganda Faajjii Ejersaa keessaa loon 200 hawaasa jalaa fudhachuun hawaasni akka hin dubbanneef afaan qawwee itti qabuun doorsisanii akka deeman maddeen ONM’tti himan.
Godinichuma aanaa Kuyyuu ganda Dhahee Willincoo jedhamu keessatti ammoo midhaan humnaan fidaa jechuun erga irraa fuudhanii booda harroota 80’n gara magaalaa kuyyuutti fe’atanii akka deeman jiraattoonni ni dubbatu.
Akkuma godinichaatti dararaa hamtuun murnoota PP’n irratti raawwachaa kan oolu ta’uu jiraattoonni Onichaa dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
