• Fri. Oct 16th, 2026

Hidhattootni sirnichaa Godina Lixa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabarat keessatti gubaatii manneenii fi saamicha raawwatan

Jan 1, 2025

ONM-ABO Amajjii 1, 2024 

Qe’een Oromoo waa maraan badhaatuu taate, saamicha murni bilxiginnaa guyyuu raawwatuun deegdee hiyyummaaf saaxilamuun ilmaan ishee harka namaa ilaaluun gadadootti kufaa jiru. 

Muddee 31, 2024 Lixa Shaggar aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Gaagoo Osoollee bakka addaa Kabbii jedhamu keessaa hidhattootni sirnichaa manneen hawaasaa gubanii, horii hawaasaa ooffachuun midhaanis fe’atanii deemuun gabaafame.

Namoonni manneen jalaa gubachuun, saamaman kunneen:

  1. Obbo Tashoomaa Badhaasaa fi 
  2. Obbo Badhaasaa Gabbisaa abbaa fi ilma kan ta’an jalaa mana gubuun, horii 20 fi midhaan harree 8 fudhatanii deeman,
  3. Obbo Dhugumaa Addunyaa jalaa  mana lama gubuun, horii 14, Re’oota 25 olii fi midhaan harree 3 fudhatanii deeman,
  4. Obbo Dabbuu Leelloo jalaa mana gubuun,  horii 4 fudhatanii yoo deeman,
  5. Obbo Obsuu Tolasaa jalaa ammoo horii 4 fudhatanii deemuu 

maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading