ONM-ABO Amajjii 1, 2024
Murni faashistii Abiy Ahimed loltoota isaa goleewwan Oromiyaa hundatti bobbaasuun maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhu itti maxxansuun kan durii caalaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruu hanga ajjeechaatti gochaa suukkaneessaa raawwachuu jabeessee jira.
Aanaa Abee Dongoroo ganda Walagee bakka addaa Qayyee jedhamutti loltoonni Bilxiginnaa Muddee 30, 2024 namoota maqaan isaanii:
- Muluu Deesisaa,
- Hinkoosaa Guddataa fi
- Caalaa Fayyisaa jedhaman
badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jechuun rasaasaan rukutuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namni Hinkoosaa Guddataa jedhamu battalumatti yoo du’u, Muluu fi Caalaan ammoo buufata fayyaa aanaa Abee Dongoroo seenanii yaalamaa jiraachuu fi aanicha guutummaa keessatti dhiittaan mirga namoomaa qaamolee murna garboomfataa impaayerattii fi finxaaleeyyii Amaaraan ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiru kan itti cimee fi duguuggaa sanyii kan balaaleffatan ta’uu dubbatu.


