• Wed. Nov 25th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Sirkaatti loltoonni Bilxiginnaa maanguddoo ganna 85 olii irratti ajjeechaa raawwatan

Jan 1, 2025

ONM-ABO Amajjii 1, 2024 

Gara jabeeyyiin loltoota faashistii Abiy Ahimed ilmaan Oromoo xiqqaa fi guddaa osoo hin jenne sobaan yakkuun dararaa hangana hin jedhamne geessisaa kan jiran, afaaniin akka waan hawaasa fayyadaniitti hololaan mirqaansuun erga gara hooggansaatti dhufanii as immoo waan ilmaan namootaa irratti ta’ee hin beekne geessisaa jiru.

Aanaa Sirkaa ganda Biduu Baalaa jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa Mudde 28, 2024 badii tokko malee sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkuun maanguddoo ganna 85 olii kan maqaan isaanii Obbo Aloo Adam Waayyuu jedhamu rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Akka jiraattonni gandichaa ONM’tti himanitti, maanguddoon kun qaama siyaasaa kam kan hin hordofnee fi jireenya  dhuunfaa  isaanii  qofa kan jiraatan, ijoollee isaaniin deggeramanii kan jiraatanii fi ofiifuu danda’anii akka namoota kaaniitti baqachuu waan hin dandeenyeef ergamtoonni Bilxiginnaa immoo maqaa “deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhu itti maxxansuun sobaan yakkanii maanguddoo kabajamaa kana ajjeesanii gatuu dubbatu.

Leave a Reply