ONM-ABO Amajjii 1, 2024
Namni baduuf ka’e nama balleessa akkuma jedhamu murni Bilxiginnaa qarree kufaatii irra ga’ee jiru, walumaan badna yaada jedhu qabachuun guyyaa guyyaan hawaasa nagaa akka bineensa bosonaatti adamsee lubbuu namootaa obbaasaa oola.
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sadan Canqaa ganda Miidhagaa Birbir keessatti Muddee 30, 2024 waraanni PP nama nagaa, abbaa ijoollee 9 kan ta’e nama maqaan isaa Mahaammad Ahimed Jugee jedhamu rebicha hamaa irratti raawwachuun kalee keessa dhiitanii ajjeesuun ibsame.
Kana malees godinichuma bulchiinsa magaalaa Dambii Doolloo gandoota isheen qabdu hundarraa uffata leenjifamtoota gaachana sirnaa jechuun, namoota mana kiraa taa’an dabalatee mana tokko tokko irraa qarshii 300-300 dirqamaan guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasan.
Akka maddeen jedhanitti ganda Laaftoo irraa qarshii 300-300 yoo fuudhan ganda Doolloo irraa immoo qarshii 100-100 qofa fuuchuun garaa garummaan jiraachuu himuun, kunis hawaasa gidduutti mufii uumeera. Itti dabaluun kan ganda Laaftoo mana hundarraa haa guuran malee uffanni isaan dhiyeessan 100 qofa ta’uu dubbachuun, maallaqa fuuchaa turan faayidaa isaanii irra oolfachuun karoora saamichaa baafatan raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.

