• Tue. Nov 24th, 2026

Hoogganaan nageenyaa Iraan ‘mormiin haaraan’ Israa’el irratti Siiriyaa keessatti akka uumamu dubbatan

Jan 1, 2025

ONM-ABO Amajjii 1, 2024 

Hoogganaan nageenyaa Iraan Alii Akbar Ahmadiyaan kufaatii prezidaant Bashar al-Asad hordofuun gareen haaraan Israa’el loluuf Siiriyaa keessatti akka uumamu ibsuu isaanii miidiyaaleen mootummaa gabaasan.

“Naannoowwan Siiriyaa mootummaan Ziyoonistootaa dhuunfachuu isaatiin diddaan haaraan waggoota dhufan keessatti mul’atu dhalateera,” jedhan barreessaan Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Ol’aanaa Iraan Ahmadiyaan jechuun dhaabbati oduu IRNA Wiixata galgala gabaaseera. Walgahii ministeera haajaa alaa Omaan waliin taasisaniin, Ahmadiyaan, erga Muddee 8tti kufaatii Al-Asad, kan yeroo dheeraaf michuu Tehran ta’e booda, siiqqeen diddaa Iraan farra Israa’el “hin laaffanne” jechuun cimsanii dubbataniiru.

Al-Asaad humnoonni mormitootaa Hayat Tahrir al-Sham (HTS)n durfamu haleellaa akka tasaa booda magaalaa guddoo Damaasqoo erga qabatanii booda Siiriyaa baqate.

Erga inni kufee as Israa’el haleellaa qilleensaa dhibbaan lakkaa’aman dhaabbilee waraanaa Siiriyaa irratti raawwatte. Kanas meeshaaleen kun harka diinaatti akka hin kufneef kaayyeffate jetteetti.

Loltoonni Israa’el naannoo ittisa Sooriyaa fi Israa’el Olka’iinsa Goolan gidduutti kan UN’n sakatta’u keessattis ejjennoo tarsiimoo qabataniiru.

Walgahii Wiixata kaleessaa irratti Ahmadiyaan Iraan doktiriinii niwukilaraa meeshaa atoomikaa hordofuu irratti qabdu “hin jijjiirre” jechuun IRNA gabaasuu AFP fi Al Arabiyaan gabaasaniiru.

Leave a Reply